MASGIIDA FI GAHEE INNI HAWAASA KEESSATTI QABU
Bareessitoonni: Belshaazaari fi Abdeneegoo
Kan Hiike: Islaamummaadhaf Deebii Garee Afaan Oromoo
Seensa
Masgiidonni akka addunyaatti eddoo waaqeffannaa ta’uu bira darbanii Fulbaana 9/2000 giddu gala daldala Addunyaa isa Niw York keessatti argamu irratti haleellaa gahe, haleellaa Magaalaa Maadriid kessatti baabura irratti gahe, akkasumas yeroo dhihoo haleellaa Magaalaa Landan keessatti awtoobisii fi baabura lafa keessaa irratti gahe qindeessudhaaf gahee isaan taphatan ilaalchisee dhaabbileen oduu biyyoota Dhihaa barreeffamoota heddu mata duree kana irratti akka dubbisiisan taasisee jira.
Fakkeenyaf gaazexoonni lameen “The Times” fi “The Guardian” Jedhaman waa’ee Masgiida Finisbarii Paark barreessanii jiru. Isaanis kan barreessanii turan waa’ee sochii siyaasa fi loltummaa Musliimotaan isaan keessatti adeemsifamaa turanii yemmuu ta’u Musliimonni kunneenis yeroo booda biyya Yaman keessatti sochii shororkeessummaa irratti hirmaatanii turan. Barreeffamoonni kunneen manneen barnootaa (madrasaawwan) Masgiidota kanneenin wal qabatanii argaman namoota kanneen leenjisuu keessatti shoora isaan qaban irratti gaafii dhiheessanii jiru. Kunis kan agarsiisu akka walii galaatti yaadotaa fi gochaawwan akkanaa kana kakaasuu keessatti shoora madrasoonni qabaniidha.
Yeroo dhihoo keessatti masgiida guddaa tapha olompiikii bara 2012 taasifamuuf baha magaalaa Landan keessatti ijaarramuuf jiru ilaalchisee uummata dhiibban irra gahe gidduutti sodaawwan walfakkaaton daandiwwanii irrattii fi barreeffamoota irraa ni dhagahamu.
Guddinaa fi bareedina gamootin Masgiidonni isa Niiw Haamitti argamu fakkaatan akkuma Addunyaattuu lakkoofsan muraasa. Masgiidni hamma arbaa gahu kun ollaa nagahaan jiraatu maddiitti yemmuu ijaarramu sodaa kakaasun isaa kan hin oolledha. Sodaawwan kunneen (sochii danquu, jeequmsa sagalee, gatii meeshaalee miidhuu fi kkf) Masgiidni kun akka hin ijaarramne dhoorkudhaaf sababa gahaa ta’uu ni danda’uu? Namoonni pirojeektii kana maallaqaan deeggaran faayidaa Masgiidni kun naannoodhaaf akkasumas biyyaaf qabu ibsuudhan “walabummaa amantaa, waaqeffannaa akkasumas yaada bilisaan ibsuu Yunaaytid Kingidam keessatti argamu” caqasanii gabaasa dhiheessanii hojii guddaa hojjechuun isaanii kan hin oolledha.
Masgiidni maal akka ta’e, hojiin isaa, irra caalas walitti dhufeenya hawaasaa ni cimsaa, waliin jireenya nagahaa hawaasa keessatti ol ni guddisaa, waliin jireenya amantaaleef eddoo ni mijeessaa? jedhanii gaafachuu fi qorachuun barbaachisaadha.
Kuni madaallamuu kan danda’u bu’uura amantaa Islaamaa kan ta’an qur’aana fi sunnaan akkasumas kanneen lameen keessaa ba’uudhan kan qindeeffame seerri shari’aa wanta dubbatanii fi adeemsa isaanii qorachuudhani.
Dubbistoonni sochiiwwan siyaasa fi loltummaa Masgiidota keessatti adeemsifaman hubachuu akka danda’an fakkiiwwan taasisan, barreessitoonni Islaamummaa gurguddoon barreeffamoota barreessan akkasumas murtiiwwan seeraa Fatwaa jedhamanii beekkaman barreeffama xinnoo tana keessatti galanii jiru.
Wantoonni guyyaa keessatti raawwataman ulaamadhaan (namoota beekkumsaa fi angoo seera Islaamummaa qabaniin) dhaddacha seera shari’aatin erga calalamanii booda gara Masgiidaatti gadi buufamuudhan sochiiwwan siyaasa fi loltummaa gara garaa hojiitti ni jijjiiramu. Seeronni kunneen cimoo fi gaafiidhaan ala waan ta’aniif miseensota garee gaggeessituutin yaadota dhuunfaa ka’aniif eddoon hoomtuu hin jiru.
Haata’u malee murteen dhumaa Masgiidota keessatti hojii irra oolu kun duraan dursee kan maddu karoorawwan ulaaman irratti murteessun isa barbaachisu, barsiisu fi kkf kan keessaa argaman Masgiidota keessati (Fakkii 3 ilaalaa). Gaggeessitoonni masgiidaa barumsa qaban kunneen gara ulaamatti kan guddatan yemmuu ta’an isaanis gaggeessitoota Masgiidaa, lallabdoota, beektotaa fi gaggeessitoota fatwaa baasaniidha. Murteewwan kanneen qoma isaanitiin ni dubbatu, ni ibsu akka hojii irra oolanis ni taasisu! Seerota qur’aana keessaa ba’an irratti kan hundeeffaman yoo ta’an hoojii irra oolumsi isaanii gaaffii yookin mariidhaf hin dhihaatu.
Dubbistoota keenyaf hiibbowwan kanneen hiikudhaaf yemmuu yaalllutti liphii jalqabaatin jechoota Kiristiyaanotaa fi Yihuudotaatin wal fakkeenya kan qaban jechoota fakkaatan ni ibsina. Jechoonni kunneen wal fakkeenyi isaanii qubee qofaan akka ta’e beekun gamnummaadha. Jechoota duraan beektan kan isinitti fakkaataniif hiika yemmuu kenninu obsaan nu hordofaa.
karaa hawaasummaas ta’ee karaa seeratiin Masgiidonni yeroo kamuu Islaamummaa keessatti giddu gala, jalqabaa fi dhuma waa’ee Islaamummaa ta’uu isaanii hubachiisudhaaf jechoota haarawa (kan akka taqiyyaa) akkasumas jechoota durii (kan akka jihaadaa fi hijiraa) ni ibsina.